Sirna nyaataa koorniyaa irratti xiyyeeffate cimsuun haala sirna soorataa fooyyessuu: Maanuwaala/ Qaleelcha leenjii

dc.creatorKetema, Dessalegn
dc.creatorAbeshu, Yadesa
dc.creatorNchanji, Eileen
dc.date2024-07
dc.date2024-08-28T12:01:17Z
dc.date2024-08-28T12:01:17Z
dc.date.accessioned2026-06-27T13:34:27Z
dc.descriptionInishiyeetiiviin HER+ furmaata qabatamaa haala qilleensaa dandamachuu cimsuu fi dubartoota Afrikaa fi Eeshiyaa humneessuu danda’u qopheessuuf qorannoo koorniyaa fi saayinsii hawaasummaa sadarkaa olaanaa gaggeessuuf kan of kennedha. Itiyoophiyaatti, dandeettii leenjistootaa cimsuu fi barteewwan nyaataa karaa sirna nyaataa koorniyaa irratti xiyyeeffateen fooyyessuuf, maanuwaalii leenjii sirna nyaataa koorniyaa giddu galeeffate afaan Ingiliffaa fi afaanota biyya keessaan qopheessuun dirqama ta’eera. Maanuwaaliin kun garaagarummaa dhiibbaa walqixxummaan koorniyaa soorata irratti qabu hubachiisuun furmaanni gama sirna nyaataa fi fayyaatiin akka dhufu ni taasisa. Dubartoonni aangoo murtoo murteessuu akka qabaatan gawoomsuun sirna nyaataa gaarii akka qabaatan gochuu danda’a. Dubartootaa fi shamarran waa’ee sirna nyaataa fi fayyaa barsiisuudhaan filannoo nyaataa fayyaa qabeessa ta’e akka qabaatan gochuun, fayyaa qaamaa fi oomishtummaa fooyyessuu dandeenya. Akkasumas dhiirota itti gaafatamummaa maatii keessatti hirmaachisuun, ilaalcha dogoggoraa irratti hojjechuu fi kunuunsa maatii keessattti deeggarsa akka godhan gochuun wal qixxummaa koorniyaa galmaan ga’uu fi sirna soorataa fayyaa qabeessa ta’e mirkaneessuuf murteessaadha. Sagantaa sirna nyaataa hunda keessatti bartee nyaataa fayyaa qabeessaa ta’ee fi walqixxummaa saalaa mirkaneessuuf hoggantoota hawaasaa fi amantii akka tapha jijjiirtotaatti fayyadamuun barbaachisaa dha. Kanaafuu hir’ina nyaataa dhabamsiisuuf, nyaata madaalamaa argachuuf, sirna nyaataa fooyyessuuf, fayyaa fi qulqullina bishaanii eeguuf, fayyaa nyaataa eeguuf, qophii fi kunuunsa nyaataa fooyyessuuf sirna nyaataa koorniyaa irratti xiyyeeffate hojiirra oolchuun barbaachisaa dha. Kunis hanqina nyaataa ittisuuf, ilaalcha duubatti hafaa koorniyaa hir’isuu fi bartee soorataa keenyaa fooyyessuuf nigaragaara.
dc.formatapplication/pdf
dc.identifierhttps://hdl.handle.net/10568/151881
dc.identifier.urihttp://hdl.handle.net/123456789/63653
dc.languageom
dc.rightsOpen Access
dc.sourceKetema, D.; Abeshu, Y.; Nchanji, E. (2024) Sirna nyaataa koorniyaa irratti xiyyeeffate cimsuun haala sirna soorataa fooyyessuu: Maanuwaala/ Qaleelcha leenjii. 64 p.
dc.subjectbeans
dc.subjectgender
dc.subjectagriculture
dc.subjectnutrition
dc.subjectgender equality
dc.titleSirna nyaataa koorniyaa irratti xiyyeeffate cimsuun haala sirna soorataa fooyyessuu: Maanuwaala/ Qaleelcha leenjii
dc.typeReport

Archivos